OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA.COM

Uncategorized

Adoolessi 13-Guyyaa Fiinifnnee ti! Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan Oromoo mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u. Sabboontotni Oromoo hedduu golee Oromiyaa mara keessatti falmaa mirga abbaa biyyummaa isaani deebifachuuf diddaa godhaniin wareegama qaqqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadatti, warri diddaa abbaa biyyummaa Oromoo irratti wareegaman bara baraan yaadatamaa jiraatu. Bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma Finfinnee irratti dabarsite fi lukkeen hojiitti hiikuuf tattaafatte mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan Waldaa Maccaa fi Tulamaas hiriira nagaa bahaniif deebbiin isaaniif kenname reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ture, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo hedduu wareega qaalii lubbuu itti baasanii jiru, isaan keessaa warra dhimma kanaaf mana hidhaatti gidirfamaa fi rasaasaan rukutamanii ajjeefaman kumaatamaan lakkaawamu! Dhimma kana waliin wal qabatee barattooti Oromoo hedduu barnoota irraa arihamaniru, maanguddoon keenyi biyya isaani irraatti kabajaa dhabanii ulee fi kophee polisiin reebamuu fi dhiitamuun salphifamaniiru, ilmaan Oromoon hedduu lubbuu isaani qaaliis itti wareeganii jiru. Gootonni sabbontotni Oromoo hoogganoota Waldaa Maccaa fi Tuulama dabalatee barattooti Oromoo yuniversity finfinnee itti hidhamaniiru. Haqi hin qalla`atti malee hin cittuf filannoo camsaa 2005 irraa kaasanii ammoo akeeka wayyanoonni fedhii isaanii kan dantaa dinagdee fi aangoo siyaasaa biyyittii keessaa qaban tikfachuuf qofa akka waajjironni Oromiyaa gara adaamaatti naannahan irratti murtaahee, wareegamni qaqqaalii itti bahe kana sababeeffachuun akka gara Finfinneetti deebihan sossobuuf tattaafatamee ture. Hawwiin murnoota sirna Impayera Itophiyaa bulchanii fi bulchuuf hawwani Finfinnee dhuunfatanii Oromoo irraa qabeenya saamuuf qaban har’allee guddaa dha. Oromoo bahaa fi dhihaa gargar baasuuf yaaliin tolfame salphaa miti. Oromoo Finfinnee keessaa qulqullessuuf hojiin diinni hin dalagne hin turre. Ammas TPLF karoora daangaa saaminsa ishee babal’ifachuuf jecha maqaa ‘master planiin’ karoorfatte harkaa fashallaan, maqaa labsii dantaa Oromoon Finfinnee irraa qabu nan kabachiisa jettee as baatee jirti. Kunis labsa qullaa kan dantaa Oromoo eegun hafee, mirga namni tokko akka namaatti qabu tiksuuf kan of waakkatu dha. Haala kana yaadachuuf wayyanonni Oromoo biyya isaa keessaa baasuun daangaa keessatti basha`an tolfachuuf Godina Addaa Naannawaa Finfinnee jechuun, magaalota Oromoo irraa fudhachuu fi Oromoo lafa isaa irraa dhiibuun, abbaa biyyummaa isaas haaluuf hojiin dalagamaa ture akka itti fufe ifaan mul’isa. Ummatni Oromoo shira kana akka haalaan hubatuuf jecha Waldaan Maccaa fi Tulamaa bara 2001 irraa eegalee akka Adoolessi 13, uummata Oromoo biratti akka bakka qabaatu labsamuun ni yaadatama. Bara sana irraa eegalee Oromoon dhimma kana quba qabu guyyaa kana gaddaan yaadachaa turuun beekama. Ammas guyyaa murtii dabaa Oromoo biyya isaa keessaa baasuuf murtaahe kana Oromoon bara baraan gochaa hammeenya diinaan irratti murtaahee fi raawwatee yaadatun mirga abbaa biyyummaa Finfinnee irratti qabu akka deebifatu wal yaadachiisna. Ammas murtii yeroo sanaa jajjabeessuun akka bara baraan yaadatamu wal yaadachiisna. Murtiin diinotaan bara sana darbe ammas bifa haarayaan ‘labsii dantaa Oromoon Finfinnee irratti qabu’ tiksinaaf jedhu baasuun guyyaa murtii dabaa sana nu yaadachiisa, guyyaa kana Oromoon haala amma keessa jiruun yaadate oola, Oromoon dhimma kana irratti gadduu qofaa osoo hin taane mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiisuuf wal gurmeessuun sochii isaa isa fuula duraaf yeroon itti of qophessu amma. Akeeka Guyyaa Finfinnee Oromoon abbaa biyyaa ta`uu wal yaadachiisu, Oromiyaan kan Oromoo ta’uu; Fifinneen ammoo handhuura Oromiyaa ta`uu wal hubachiisuun Oromoon dantaa bulchiinsaa fi dinagdee Finfinnee irraatti qabuuf bifa kamiinu akka argatu falmaa gochuu itti fufuu, dantaan siyaasaa, bulchiinsaa fi dinagdee kunis akka seeraan mirkanaahuu gaafachuun raggaasisu, Wareegama dhimma Finfinnee fi Abbaa biyyummaa Oromoo kabachiisuuf godhame keessatti bahe wal yaadachisuun wareegmaa kana firii itti gochuuf wal ijaaruun wal jabeessuuf, Gootota Oromoo dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo fi abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu kabachiisuuf irratti wareegama qaamaa, qalbii fi lubbuu isaanii dabarsanii kennan yaadachuuf, hidhamtoota Oromoo dhimma kanaa fi gaaffii abbaa biyyummaa Oromoof jedhanii gidiraa argaa jiran yaadachuun, yaada jaallan mana hidhaa jiran kana galmaan gahuuf dhalooti dhufu irratti hojjechuu fi wal barsiisuuf, Raawwii Isaa Dhimma finfinnee fi dhimma abbaa biyyummaa Oromoo wal barsiisu, Haala ittiin Oromoon biyya isaa dhuunfachuu dandahu irratti marihachuu, yaada walii kennuu, wal gurmeessuu, wal gootomsuu, wal jabeessu irratti wal gorfachuu fi wal bilcheessuu. Guyyaa Adoolessa 13 bara 2017 guyyaa guutuu Oromoon bakka jirutti dhimma kana irratti wal marihachaa fi wal yaadachiisaa akkaataa itti of jabeessuu irratti marihachuun ejjennoo isaa ummata Oromoof karaa sabqunnamtii hawaasaa fi sabqunnamtiilee jiran mara dabarfachuu. Jiraattooti magaalaa fi baadiyyaa dhimma kana dursanii dhaqabsiisuun, namuu qalbii guutuun guyyaa kanatti dhimma finfinnee yaadachaa fi wal barsiisaa akka oolu irratti hojjechuu, Seenaa Finfinnee gabaabaa wal barsiisuuf fi Faaruu Finfinee faarfachuu da´immanii fi shamarran faaruu kana barsiifachun fi akka faarfatan gochuun akka dhimmi finfinnee qaama gaaffii Oromoo walii galaa waliin wal qabatu wal hubachiisuu, Seenaa Finfinnee keessaa waan muraasa Oromoon wal barsiisu qabu. Abbaa biyyummaa Oromoo hubachuuf Finfineen kan Oromoo ta´uun isaa shakkiin hin jiru, kana seeraa fi seenaan hardhallee borullee itti gaafatnu ta´a. Kanaaf kana duuba Oromoon bakkoota kana qalbeeffatee itti dhimma bahu koreen dhimma Finfinnee irratti dalagaa turte baroottan 10 dura labsite wal yaadachiisna. Cabiinsa Halagaa Dura Ilmaan Oromootu Finfinnee Bulchaa Turan Caffeen Tuulamaa kan bulaa turte gooticha Oromoo Tufaa Munaanta`uu Birbirsa fi Manni Gullallee kan bulchaa ture Qajeelaa Dooyyo Teechoo kan bulchaa ture Guddataa Araddoo Boolee Kan bulchaa ture Shubu Ejersaa Boolee Bulbulaa kan bulchaa ture Soraa Lomee Kolfee kan bulchaa ture Axale Jatanii Dalattii/Qaraaniyo kan bulchaa ture Jamo Dabalee Jarsaye kan bulchaa ture Galatee Ashate Eekkaa/Yakkaa kan bulchaa ture Abeebee Tufa Karra Shanan Finfinnee Karra Qirxi – karra gara kaaba geessu Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bishooftuutti nama geessu Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu Bulchiinsta duraanii keessatti akkaataa onoonni wal qoodan akka armaan gadiiti. Ona Caffee Tumaa Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu ssana. Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt , Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha. Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha. Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture. Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu. Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu. Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru. Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata. Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata. Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu. Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan. Ona Birbirsa Yaa´i Goroo Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru Ona Qarsaa Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha. Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata. Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture, Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha, Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata. Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata. Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana Ona Gullallee ykn Mana Gullallee Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata. Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu. Kattaa – ammas kattaa jedhaama Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha, Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu Ona Abbichu Burqaa Ejeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa. Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata Ona Xiixaa (enxooxxoo) Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama. Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata. Ona Ekkaa. Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata. Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha Kotabee – Ammas kotabee jedhama Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata Ona Boolee Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama Ona Teechoo Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata. Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata Ona Caffee Annanii Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata, Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata. Ona Jaarsayu calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha. Ona Kolfee Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu, Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu ammata. Faaruu(sirba) Finfinnee Finfinnee! Finfinnee! Handhuura Oromiyaa Biyya abbaa kiyyaa Si utubaan biyyaa Finfinneen keenyumma kan Oromooti Halagaan haga keenya mirga hin qabu itti Biyyi keenyi keenya eenyuuf gad lakkisna Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna. Nu Oromoo malee abban biyyaa hin jiru Biyya Abbaa Gadaa kanbeekne haa baru. Haawwannisaa fi yeeyyi sirratti qubsiisani Maqaa kee haqanii ababaa jedhani Oromoo dhiibanii, Moggatti baasani Abbooma mulqanii Jiruunis dhaalani Nu Oromoo malee abban biyyaa hin jiru Biyya Abbaa Gadaa kanbeekne haa baru. Guddaafaa fi gufuun sirraa haxaawamtee Qilleensa walaba kan duree goonfatte Sirna Abbaa Gadaa keetiin of bulchitee Ni waarta Finfinnee yoomiyyuu jiraatte, Nu Oromoo malee abbaan biyyaa hin jiru, Biyya Abbaa Gadaa kan bariin haa baru. Finfinneen keenyuma kan Oromooti Halagaan haga keenya miga hinqabu itti Biyyi teenya keenya eenyuuf gad lakkisana Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna Nu Oromoo malee abbaan biyyaa hin jiru, Biyya Abbaa Gadaa kan biraan haa baru. Biyya Abbaan Gadaa finfinnee dha duru! Injifannoon Ummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Image
Uncategorized

Shake up your life: how to change your own perspective

This is your blog post. Blogs are a great way to connect with your audience and keep them coming back. They can also be a great way to position yourself as an authority in your field. To edit your content, simply click here to open the Blog Manager. From the Blog Manager you can edit posts and also add a brand new post in a breeze.

To make it easy for visitors to search your blog according to topic, add ‘Tags’ to your posts in the Blog Manager. You can showcase the very best posts from your blog by setting a post as a Featured Post. Just click the star icon next to the Post title to define it as a Featured Post. It’s a great, easy way to promote specific content in your blog.

Standard